ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII MANNEEN MURTII OROMIYAA MANA MURTII WALIIGALAA OROMIYAA

ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII MANNEEN MURTII OROMIYAA MANA MURTII WALIIGALAA OROMIYAA..

Baafata
  1. SEENSA WALIIGALAA ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII.
    1. Saxilamuummaa dubartootaafi Daaimman. ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII
    2. Dhimmi maatiin walqabatu dantaa Daa’immanii fi dubartoota kan of keessa qabu Tau.
  2. KUTAA TOKKO. TUMAALEE WALIIGALAA FI QAJEELTOOWWAN BU’UURAA
    1. Kutaa Xiqqaa Tokkoo. Tumaalee Waliigalaa
      1. Mata Duree Gabaabaa ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII
      2. 1. Hiika Jechootaa;
        1. “Daa’ima”
        2. “Daa’imman Seeratti Bu’an”
        3. “Dhaddacha Maatii fi Daa’immanii”
        4.  “Ogeessa”
        5. Ibsa Koornayaa;
    2. Kutaa Xiqqaa Lama. Qajeeltoowwan Bu’uuraa
      1. Barbaachisummaa ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII
      2. Mirga Lubbuun jiraachuu
      3. Mirga loogii irraa bilisa ta’uu fi walqixxummaa
      4.  Dantaa Addaa Daa’immanii
      5. Mirga Hirmaachisummaa 
      6. Maatiin Bu’uura Hawaasaa Ta’uu
  3. KUTAA LAMA: ISTAANDAARDII (GURMAA’INSA) DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII FI NAAMUSA OGEESSOOTA
    1. Kutaa Xiqqaa Tokko. Gurmaa’insa Dhaddachaa.
      1. Barbaachisummaa Dhaddacha Maatii Fi Daa’immanii. ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII
      2. Meeshaalee, Ulaagaa fi Mijaa’ina Naannoo Hojii
      3. Meeshaale dhaddacha kanaaf barbaachisan
      4. Akkaataa Hojimaata Dhaddachaa Fi Itti Dhiyeenya (Approach) Ogeessotaa
      5. Yeroo gahaa araaraaf maluu keennuu
      6. Gosa Dhimmoota Dhaddacha Maatii fi Daa’immaniitti Ilaalaman.
      7.  Dirqamoota Ofiseera Seeraa fi Hojjattoota Biroo Mana Murtii Irraa Barbaadamu
    2. Kutaa Xiqqaa Lama. Naamusa Ogeessoota
      1. Iccitii Eeguu:
      2. Odeeffannoo kennuu:
      3. Walitti dhufeenya saalquunnamtii
      4. Uffanna Seera Qabeessaa
      5. Kaffaltii tajaajila:
      6. Jechoota eenyummaa maamilaa tuqan fayyadamuu hin qabu
    3. Dhimma Maatii fi daa’imaa dhiyaatu Obsa fi Tasgabbiin ilaalu
  4. KUTAA LAMA. FALMII DHIMMA MAATII
    1. Yaada Bu’uuraa:
    2. Haala Qabiinsa Dhimmoota (Iyyaannoowwaan adda addaa fi gaaffii Hiikkaa Gaa’ilaa
      1. Haala qoodinsa qabeenya fi guddisa daa’immanii
      2. Dhaddachi falmiin hiikkaan gaa’ilaa itti gaggeeffamu
        1. Ajaja Yeroo: ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII
      3. Yeroo Waa’ee Gaa’ilaa Irradeddeebi’anii Yaaduu kennamu:
      4. Gorsa Walfuutootaf Kennamu:
      5. Waa’ee Araaraa:
      6. Hiikkaa Gaa’ilaa Murtessuu
      7. Bu’aa Hiikkaan Gaa’ilaa Guddisa Daa’immanii irratti qabu murtessuu
    3. Gahee Hojjataa Hawaasummaa;
      1. sababa diiggaa gaa’ilaa fi haala sammuu ijollee
      2. Hojjataan hawaasaa sakatta’iinsa yookiin xiinxala Daa’imti eenyu biratti guddachuu qabdi jedhu gaggeessuuf:
      3. guddina daa’ima yaada
      4. Bu’aa Hiikkaan Gaa’ilaa Qabeenya Irratti qabu Murteessuu
  5. KUTAA SADII. DHIMMOOTA DAA’IMMANII (YAKKAA FI H/HAWAASAA)
    1. Kutaa Xiqqaa Tokko. Qallaba Daa’immanii
      1. Mirgoota Bu’uuraa
      2. Haala Qallabni Daa’immanii Itti Murtaa’u
        1. Basiwwan adda addaa haaguguu.
        2. dantaa fi faayidaa
        3. Fedhii Daaimman
        4. Manuwaaliin hundaa’un murtessuu

        5. Haala Raawwii
        6. Deeggarsa Taasisuu
        7. Gosoota Tajaajilaa.
        8. Dhimmoota Addatti Xiyyeeffannoo Barbaadan
    2. Kutaa Xiqqaa Lama. Guddifachaa
      1. Mirgoota Daa’immanii fi Dirqama Mootummaa Heeraan jiru.
      2. Guddifachaa Sirna Aadaan fi Waliigalteen Raawwatame Raggaasisuu:
      3. Daa’immaan Dhaabbattoota  Keessatti argaman.
      4. Guddifachaa Lammii Biyya Alaaf .
      5. Guddifachaan Ragga’e Haala Ittiin Haqamu
      6. Gahee Hojjataa Hawaasummaa
    3. Xiyyeeffaannoo
    4. Kutaa Xiqqaa Sadii. Daa’imman Miidhamtoota Gocha Yakkaa Fi Ragaa
      1. Mirgoota Heeraa
      2. Qabiinsa
      3. Beenyaa
      4. Deeggarsa Taasisuu
      5. Gochoota Dhorkaman
      6. Dhimmoota Addatti Xiyyeeffannoo Barbaadan
    5. Kutaa Xiqqaa Afur. Daa’imman Seeratti Bu’an
      1. Yaadota bu’uuraa
      2.   Sirna deemsaa
      3. Gahee fi Dirqama Qaamolee Adda Addaa
      4. Tarkaanfilee Fudhataman
      5. Xiinxala Hojjetan Hawaasan Gaaggeeffamu.
      6. Adabbii
      7. Falmii Umurii Wajjin Wal Qabatu
  6. Dokumati isaa pdfn download godhaa
  7. Labsilee Hundumaa argachuff Waagj online library daawwadhaa

ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII

SEENSA WALIIGALAA ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII.

Maatiin bu’uura hawaasaa waan ta’eef eegumsii barbaachisaan taasifamufi qaba. Eegumsi maatiif taasifamu namoota dhuunfaaf qofa kan taasifamu osoo hin taane hawaasa bal’aaf akka ta’e hubachuun ni danda’ama.

Saxilamuummaa dubartootaafi Daaimman. ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII

Maatii waliin walqabatee keessattu Dubartoonnii fi Daa’imman qaama hawaasaa keessaa miidhaa adda addaatiif saaxilamtoota ta’uun isaani ni hubatama. Qaamoliin hawaasa addunyaa keessaa tokko tokkoo kallattii adda addaatiin mirga daa’immanii irra miidhaa yoo geessisu ni mul’ata. Daa’imman sababa xiqqeenya umurii yookiin bilchina dhabiinsa qaamaa fi sammuu, hiikaan gaa’ilaa maatii isaanii irraa kan ka’e miidhaa yookiin rakkoof saaxilamu.

Dhimmi maatiin walqabatu dantaa Daa’immanii fi dubartoota kan of keessa qabu Tau.

Dhimmi maatiin walqabatu dantaa Daa’immanii fi dubartoota kan of keessa qabu akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Manneen Murtii Naannoo keenyaas dhimmoota Daa’immanii fi Dubartoota haala xiyyeeffannoo addaan keessummeessuuf karoora waggaa waggaan qabachaa kan turan ta’uun fi bu’uuruma kanaan haala walfakkataan ta’uu baatuus hojjechaa kan turan ta’uu ni beekama. Haata’u malee dhimmoota maatii fi Daa’immanii dhaddacha tokkoon akka gurmaa’an taasisuuf seeraan wanti tumamee hin turre waan ta’eef sadarkaa manneen murtii hundatti sirnaan hojjechuu irratti rakkoo guddaa ta’aa tureera.

Rakkoo kana furuuf Labsii manneen murtii Naannoo Oromiyaa lakk. 216/2011keewwata 32(2) jalatti Sadarkaa manneen murtii Olaanaa fi Aanaati dhaddachoota hariiroo hawaasa fi yakkaatin alatti dhaddacha saddaaffaa ta’uun dhaddachi maatii fi daa’immanii akka gurmaa’uu qabu tumamee jira. Kun immoo dhimmoota maatii fi Daa’immanii xiyyeeffannoo addaa keessummeessuuf kan dandeessisu ta’uun ni hubatama.

Dhaddachi maatii fi daa’immanii labsii kanaan gurmaa’e haala walfakkataa ta’een dhimmoota maatii fi Daa’immanii sirnaan keessummeessuun haqa barbaachisu argamasiisuf Istaandaardii kun qopha’ee jira.

KUTAA TOKKO. TUMAALEE WALIIGALAA FI QAJEELTOOWWAN BU’UURAA

TUMAALEE WALIIGALAA FI QAJEELTOOWWAN BU’UURAA

Kutaa Xiqqaa Tokkoo. Tumaalee Waliigalaa

Tumaalee Waliigalaa

Mata Duree Gabaabaa ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII

  1. Istaandaardii Dhaddacha Maatii Fi Daa’immanii Manneen Murtii Oromiyaa jedhamee waamama.

1. Hiika Jechootaa;

  1. Akkaataan fayyadama jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Istaandaardii kana keessatti:
“Daa’ima”
  • jechuun Nama Saalaan osoo adda hin bahiin umuriin isaa waggaa kudha saddeet (18) nama hin guunneedha. Yeroo umuriin nama tokko waggaa 18 guutuuf dhabuu isaa irratti waliigalamuu dadhabame (falmii kan kaasu yoo ta’e) namni kun akka Daa’imaatti fudhatama.
“Daa’imman Seeratti Bu’an”
  • jechuun Daa’immaan umuriin isaani waggaa sagalii (9) hanga kudha shanii (15) ta’anii gochoota yakkaa raawwatan jechuudha.
“Dhaddacha Maatii fi Daa’immanii”
  • jechuun dhaddacha dhimmooni maatii fi Daa’immanii sadarkaa duraa fi Ol’iyyannoon itti ilaalamu ta’ee sadarkaa mana murtii Aanaa fi Mana murtii Olaanaatti addatti kan gurmaa’anu jechuudha.
 “Ogeessa”
  • Ogessaa jechuu akka itti fayyadama jechichaatti ykn barbaachisummaa isaati Abbaa Seeraa, Ogeessa Hawaasummaa, Ogeessa Xiinsammuu, Abba Alangaa,  Poolisii, Ogeessa Fayyaa fi kkfjechudha.
Ibsa Koornayaa;
  • Istaandaardii kana keessatti koornayaa dhiiraatiin kan ibsame dubartiifis raawwatiinsa ni qabaata.

Kutaa Xiqqaa Lama. Qajeeltoowwan Bu’uuraa

Barbaachisummaa ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII

  1. Manni murtiis ta’e qaamoleen rogummaa qaban biroo ykn ogeessonni dhimmi ilaalu dhimma dantaa daa’immanii fi maatii yommuu ilaalan qajeeltoowwan bu’uuraa kanaa gadiitiin gaggeeffamuu qabu.
  2. Qajeeltoowwan bu’uuraa kunneenis dantaa fi mirga daa’immanii fi koornayaa hunda of keessatti akka hammachuu danda’aniitti hiikamu.

Mirga Lubbuun jiraachuu

  1. Namni kamiyyuu mirgi lubbuun jiraachuu isaa kan heeraan beekamtii argate ni kabajamaaf. 
  2. Haala kamiiniyyuu mirgi lubbuun jiraachuu daa’immanii hin daangeffamu.

Mirga loogii irraa bilisa ta’uu fi walqixxummaa

  1. Daa’imman loogii bifa kamiiniyuu isaan irrattis ta’e maatii isaanii irratti raawwatamu irraa bilisa ta’uuf mirgi isaanii ni kabajamaaf.
  2. Qajeeltoon kun gaa’ela keessatti haadha warraa fi abbaa warraafis raawwatamummaa ni qabaata.
  3. Jireenya gaa’elaa keessatti gaa’ela dura, boodaa fi yeroo turtii gaa’elaa mirgi walqixxummaa haadhawarraa fi abbaawarraa ni kabajamaaaf.
  4. Addumatti immoo falmii qabeenyaa wajjin wal qabatee mirgi kun haala bu’a qabeessa ta’een akka hojiirra oolu manni murtiis ta’e qaamni dhimmi ilaalu kamiyyuu deeggarsa gochuu qaba.
  5. Dhimmi kun keessumattuu yeroo abbaanwarraa tokko haadhawarraa tokkoo ol qabaatutti xiyyeeffannoodhaan ilaalamuu qaba.

 Dantaa Addaa Daa’immanii

  1. Adeemsi seeraa mana murtii keessattis ta’e alatti daa’imman irratti raawwatamu kamiyyuu dantaa addaa daa’ima sanaa giddu galeessa kan godhate ta’uu qaba.
  2. Bakka ykn haala hiikoo seeraa barbaachisu keessattis manni murtii qajeeltoo kanaaf dursa kennuu qaba.
  3. Qajeeltoon dantaa addaa daa’immanii kallattii garaagaraatiin ilaalamuu qaba. Kunis guddina qaamaa, yaadaa, sammuu, diinadgee, hawaasummaa, hamilee, xiinsammuu, fayyummaa, kkf yaada keessa galchuu qaba.

Mirga Hirmaachisummaa 

  1. Daa’imman dhimma isaan ilaallatu kamiyyuu irratti hirmaachuuf mirgi isaanii ni kabajamaaf.
  2. Daa’imman yaada isaanii bilisaan akka ibsataniif qaamni ykn ogeessi dhimmi ilaalu kabajuu fi kabachiisuuf dirqama qaba.
  3. Keessumaayyuu, manni murtii dhimmoota qallabaa, guddisaa, yakkaa, kkf irratti daa’iman dhagahuun dirqama ta’a.
  4. Daa’imman yaada isaanii yommuu ibsatan manni murtiis ta’e qaamni dhimmi ilaalu ykn ogeessi sadarkaa bilchiinsa sammuu fi qaamaa, beekumsaa fi hubannaa isaanii giddu galeessa godhachuu qaba.

Maatiin Bu’uura Hawaasaa Ta’uu

  1. Maatiin bu’uura hawaasaa waan ta’eef eegumsi addaa taasifamuufii qaba.
  2. Manni murtiis ta’e qaamni ykn ogeesssi kamiyyuu dhimma maatiif xiyyeeffannoo fi of eeggannoodhaan hojjechuu qaba.
  3. Kanaafis manni murtii dantaa fi mirga daa’immaniif, dubartootaaf, akkasumas jireenya borii waliigalaa walfuutotaa yaada keessa galchuun dhimma maatii ilaaluu fi falmisiisuu qaba.
  4. Waliin jiraachuu, dirqamaa fi mirga gaa’ela irraa maddan waliin bahachuu fi daa’imman guddisuu fi kunuunsuu irratti haatiwarraa fi abbaanwarraa jireenya gaa’elaa keessa akka turan/jiraatan manni murtii ykn abbaan seeraa tattaaffii ol’aanaa fi walirraa hin cinne taasisuu qaba.   

KUTAA LAMA: ISTAANDAARDII (GURMAA’INSA) DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII FI NAAMUSA OGEESSOOTA

ISTAANDAARDII (GURMAA’INSA) DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII FI NAAMUSA OGEESSOOTA

Kutaa Xiqqaa Tokko. Gurmaa’insa Dhaddachaa.

ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII

Barbaachisummaa Dhaddacha Maatii Fi Daa’immanii. ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII

  1. Dhimmi maatii fi daa’immanii waan hedduun waan walitti hidhatuuf dhaddacha tokkoon hoogganama.
  2. Dhaddachi maatii fi daa’immanii ogeessota dhimma kana irratti leenjii addaa fudhataniin hoogganamuu fi/ykn hojjetamuu qaba.

Meeshaalee, Ulaagaa fi Mijaa’ina Naannoo Hojii

  1. Dhaddachi maatii fi daa’immanii meeshaalee fi ulaagaa hojichaaf barbaachisu dursee guuttachuu qaba. Kunis haala qabatama dinagdee fi/ykn baajata mana murtichaa irratti hundaa’a.
  2. Dhaddachi maatii fi daa’immanii bakka ykn naannoo hojii mijaawaa, kan ofitti nama harkisuu fi ogeessotaafis ta’e daa’immaniif, akkasumas maatiif mijataa ta’uu qaba.
  3. Daddachi kunis Kutaa guddaa dhaddachaa tokkoo dabalataan kutaa Daa’imman miidhamanii fi/ykn ragaa ta’anii dhufaniif mijaawa ta’e tokko fi kutaa Daa’imman seeran walitti bu’anii jecha isaani itti kennuu danda’an (kutaan kun kutaa dhaddachaa isa guddaatin haala isaa mijjeessuun itti fayyadamuun ni danda’ama) hundeeffamuu qaba.
  4. Kutaan daa’imman miidhamanii fi/ykn ragaa ta’anii jecha itti kennuu danda’an qofaa tahee kutaa Abbaan seeraa, Himatamaa, Abbaa Alangaa fi namoonni biroo jiran kan wal argan kaameeraadhaan (Closed Circuit Camera/ CCTV/ kan wal quunnamu ta’a. Kutaan kun haala daa’immaan hin sodaachisneen kan gurmaa’u fi haala qabatamaa naannoo sanaatin meeshaaleen daa’immaan ittiin taphachuu danda’aniin guutamuu qaba.

Meeshaale dhaddacha kanaaf barbaachisan

  1. Meeshaaleen dhaddacha kanaaf barbaachisaniis haaluma qabatamaa naannoon kan guutamu ta’ee, meeshaaleen ammayyaa barbaachisoo ta’aan gabatee Istaandaardii kanaan walqabateen tarreeffamee jira.
  2. Kutaan daa’imman seeran walitti bu’ani itti dhaga’aman, kutaa tokko keessatti kan gurmaa’u ta’ee teessoo ol ka’aa irraa gadi bu’uun bifa daa’ima hiriiyomseen teessoo naanneessuun (teessoo kutaa walga’ii fakkeessuun) Abbootiin seeraa, maatii/Guddistootni, Abukaattoon, Ogeessonni biroo haala walcina ta’aniin mijaawu qaba.  
  3. Akkasumas manni murtii haadholii daa’immanii qabatanii dhufanis tahee daa’imman miidhamanii dhufan bakka aaragalfii fi uffata daa’imman isaanii jijjiiraniif qofaatti mijeessuu qabu. Dabalataan Kutaan ogeessootaa (hojjataa hawaasummaa) qofaatti gurmaa’uu fi haala ifa ta’een mula’chuu akka qabutti gurmaa’uu qaba.
  4. Dhaddachi maatii fi daa’immanii bakka ykn naannoo hojii mijaawaa, kan ofitti nama harkisuu fi ogeessotaafis ta’e daa’immaniif, akkasumas maatiif mijataa ta’uu qaba.

Akkaataa Hojimaata Dhaddachaa Fi Itti Dhiyeenya (Approach) Ogeessotaa

  1. Abbaa seeraas ta’e ogeessi kamiyyuu dhimma maatii fi daa’immanii keessatti hirmaatu akkaataa maatii fi daa’immaniif mijatutti itti dhiyaachuu qaba.
  2. Abbaan seeraa dhaddacha maatii fi daa’immanii yommuu gaggeessu, uffata ‘gaawonii’ uffachuu hin qabu.
  3. Falmii (gaaffii) hiikkaa gaa’elaa yoo ta’e haadhawarraa fi abbaa warraa wajjin taa’ee mariisisuun akka araaraman gochuu, ykn gara jaarsummaatti qajeelchuu qaba.     
  4. Kanas kan raawwatu akka baratame abbaan seeraa akka sodaatamutti otoo hin taane haatiwarraa fi abbaanwarraa sodaa fi saalfii irraa bilisa ta’anii icciitii jirus baasanii akka dubbataniif abbaan seeraa karaa banuufii qaba.
  5.  Abbaan seeraa ogeessota garaagaraa wajjin yommuu hojjetu ol’aantummaan hoogganuu qaba.
  6. Ogeessonni, keessumattuu abbaan seeraa dhimma maatii fi daa’immanii yommuu ilaalu tasgabbaa’ee, of eeggannoodhaan, yeroo fudhatee ilaaluu qaba.
  7. Dhaddachi maatii fi daa’immanii adeemsa seeraa baratameen otoo hin taane karaa jijijjiirameen (flexible) ta’een ilaaluu barbaachisa. 
  8. Abbaan Seeraa dhimma maatii fi daa’immanii yommuu ilaalu sirna beellamaa kaayyoo kana waliin deemuun socho’uu qaba.    

Yeroo gahaa araaraaf maluu keennuu

  1. Yeroo gahaa argatee abbaawarraa fi haadhawarraa haasofsiisee akka araaraman gochuuf, daa’imman amala, fedhii fi jireenya isaanii borii adda baasuuf galmee baay’isee beellamuu hin qabu.
  2. Abbootiin seeraa dhaddacha maatii fi daa’immaniitti ramadaman leenjii addaa dhimmoota maatii fi daa’immanii irratti kan fudhatan ta’uu qabu, Muuxannoo fi daandeettii hojii olaanaa kan qabanuu fi naamusa isaaniitiin fakkeenyummaa kan qabanu keessattu obsa qabaachu fi tasgabbiin dhimmoota ilaalu irratti.

Gosa Dhimmoota Dhaddacha Maatii fi Daa’immaniitti Ilaalaman.

  1. Dhimmooni bifa iyyannoo fi himannaan seera maatii irratti hundaa’uun dhiyaatan kamiyyuu fi dhimmoota yakkaa Daa’immaan irratti yeroo raawwatamu, Daa’immaan umuriin isaani waggaa sagalii (9) hanga kudha shanii(15) ta’an yeroo gocha yakkaa raawwatanitti dhimmi isaani dhaddacha maatii fi daa’immaniitti kan ilaalamu ta’a.
  2. Ol’iyyannoon dhimmoota kanaa sadarkaa mana murtii Olaanaatti ilaalamus dhaddacha maatii fi daa’immaniitti kan ilaalamu ta’a.
  3. Ol’iyyannoo sadarkaa mana murtii waliigalaa Oromiyaa dhaddacha Idileetti ilaalamu fedhii Daa’imaa fi yaada isaanii kennuun barbaachisaa yoo ta’e haala daa’imman hiriyoomsen kutaa mijeessuun fayyadamuun ilaalamu qaba.
  4. Iyyannoon dhaddacha Ijibbaataati ilaalamu sirnuma idileen kan ilaalamu ta’a.

 Dirqamoota Ofiseera Seeraa fi Hojjattoota Biroo Mana Murtii Irraa Barbaadamu

Ofiseeroonni seeraa iyyannoon/himannoon dhimmoota Maatii fi daa’immanii waliin walqabatu yeroo dhiyaatutti dursa kennuun keessummeessuu fi daataa beezii irratti addatti galchuun ragaa isaa sirnaan qabachuu qabu. 

Hojjattootni mana murtii kamiyyuu, daa’imman seeraan walitti bu’an yeroo mana murtiiti dhufan kallattii agarsiisuun, Hojjataa hawaasummaan qunamsiisun deeggersa barbaachisaa taasisuu qabu.

Kutaa Xiqqaa Lama. Naamusa Ogeessoota

Iccitii Eeguu:

  1. Hojjatan hawaasaa iccitii dhuunfaa maamiltoota isaa eeguu fi kabajuu qaba.
  2. Hojjatan hawaasaa ragaa dhuunfaa maamiltoota iccitiin qabachuu qaba. Haa ta’u malee ragaa argame irraa hubachuun maamilichaaf ykn nama biraaf balaaf kan saaxilu yoo tahee ragaan argamee iccitiin isaa hin eegamu.
  3. Ragaa kana iccitiin isaa akka hin eegamne maamiltoota isaa/ishee beeksisuu qaba/qabdi.
  4. Abbaan seeraa dhimma daa’immanii isaaniitti dhiyaatu dantaa daa’immaniif jecha iccitii isaa eeguu qaba. Akkasumaas falmii dhimmaa hiikkaa gaa’ilaan walqabatuu keessattiis iccitii eeguu qaba.
  5. Hojjattootni mana murtii fi ogeessooni biroos ragaa, odeeffannoo, galmee iccitummaa isaa haala eegeen qabachuu qabu.

Odeeffannoo kennuu:

  1. Ogeessooni odeeffannoo barbaachisuu kan maamila isaani  gargaaruu danda’an qaama birarraa argachuu danda’u kallatti agarsiisun akka odeeffannoo argatan taasisuu fi ofiifis kennuu qabu.

Walitti dhufeenya saalquunnamtii

  1. Hojjatan hawaasaa haaluma kamiinuu maamila isaa/ishee ykn firoota maamila isaa/ishee waliin hariiroo saalqunnamtii qabachuu hin qabu/qabdu.
  2. Hojjetan hawaasaa maamila duraan hariiroo saalqunnamtii waliin qabaniif tajaajila kennuu hin danda’u

Uffanna Seera Qabeessaa

  1. Abbootiin Seeraas ta’an ogeessooni biroo yeroo hojii idileesaanii uffannaa seera qabeessa tahe uffachuun maamila tajaajiluu qabu. Akkasumas haalli riffeensa fi areeda isaani ittiin sirreeffatan daa’imman soda keessaa kan galchuu danda’u ta’uu hin qabu.
  2. Hojjatan hawaasaa yeroo sakatta’insa gaaggeessuu/tu uffannan uffateen/tteen yaada maamila kan jeequ tahuu hin qabu.

Kaffaltii tajaajila:

  1. Maamiltootni tajaajila ogeessaa bilisa argachuuf mirga qabu.
  2. kanaaf Ogeessi keessumaa yeroo qorannoo gaggeessuuf mana jireenya abbootii dhimmaa deemuu/tu kaffaltii ykn kennaa maamila irraa fudhachuu hin qabu/qabdu

Jechoota eenyummaa maamilaa tuqan fayyadamuu hin qabu

  1. Ogeessii afaan maamilli hubachuu danda’uun tajaajilu qaba.
  2. Keessumaa daa’imman miidhamanii dhufan jechoota miidhaa isaanirra gahe itti yaadachisu danda’an fayyadamuu hin qabu/du.

Dhimma Maatii fi daa’imaa dhiyaatu Obsa fi Tasgabbiin ilaalu

  1. Abbaan seeraa gaaffii daa’ima gaafatu jechoota daa’mni hubachuu danda’uu fi umurii isaanii waliin wal gitu ta’uu qaba.Abbaan seera daa’imti guyyaa sana yaada ishee kennuu yoo didde guyyaa mijatu beellama biraa kennuu ni danda’a (qaba).

KUTAA LAMA. FALMII DHIMMA MAATII

Yaada Bu’uuraa:

  1. Gaa’illi dhiiraa fi dubartii giddutti hayyama bilisaa fi guutuu irratti hundaa’uun kan raawwatamu yoo ta’u, Raawwannaa, yeroo fuudhaa fi heerumni ragga’ee jiruttii fi yeroo hiikkaatti walfuutootni mirga walqixa ta’e qabu.
  2. Maatiin bu’uura hawaasaa waan ta’eef mootummaa fi hawaasni eegumsa taasisuuf dirqama qabu.
  3. Daa’immaan fuudhaaf heeruma keessatti fi alatti argaman mirga walqixa ta’e qabu.

Haala Qabiinsa Dhimmoota (Iyyaannoowwaan adda addaa fi gaaffii Hiikkaa Gaa’ilaa

  1. Iyyannoowwaan adda addaa kan akka gaa’illi akka hin raawwatamneef dhiyaatu, gaa’ila raawwachuuf akka hayyamamuuf dhiyaatu, jijjiiraa maqaa, Dhalattummaa mirkaneeffachuuf fi kkf waliin walqabatee dhiyaatu haala yeroo gabaaba keessatti furmaata argachuu danda’uun keessummeeffamuu qaba. (sirna falmii ariitiin kan ilaalaman ta’ee dangaa yeroo kaa’amee keessatti xumuramuu qabu.)
  2. Manni murtii dhugummaa gaaffii dhiyaate qulqullessuuf ragaa barbaachisaa fi rogummaa qabu fayyadamuu qaba. Akka barbaachisummaa isaatti gareen mormii dhiyeessuu yoo jiraate akka dhiyaatuuf beeksisni akka maxxanfamuuf ajaja kennuu qaba.
  3. Iyyannoon yookiin himannii hiikkaa gaa’ilaa yeroo dhiyaatutti manni murtii gaaffiin dhiyaate diggaa gaa’ilaa ta’uu isaa sirnaan qulqulleessuu qaba.Manni murtii gaa’illi akka hin diigamneef yaalii guddaa taasisuu qaba.
  4. Gaaffii dhiyaate irratti gareen biraa deebii osoo itti hin kenniin dura yoo danda’ama ta’ee ogeessi nama iyyatee yookiin himannaa dhiyeesse fi garee isa deebii kennuu/waamamaa/Himatamaa walitti fiduun gorsa barbaachisaa akka kennuuf taasifamuu qaba.  
  5. Ajaja yeroo waa’ee qallabaa fi bakka jireenya walfuutootaa fi Ijoollee akkasumas bulchiinsa qabeenyaa kennamuu qaba.

Haala qoodinsa qabeenya fi guddisa daa’immanii

  1. Haala qoodinsa qabeenya fi guddisa daa’immanii ilaalchisee osoo gaa’illi hin diigamin dura qaamni kamiyyuu akka xiinxala yookiin sakatta’iinsa taasisu ta’uu hin qabu.
  2. Falmiin sirna idileetiin gaggeeffamuu hin qabu.Falmii ajaja yeroo waa’ee bulchiinsa qabeenya fi gaa’illi erga diigame booda qoodinsa qabeenyaa irratti yoo ta’e malee dhimmaa gaa’ilaa irratti walfuutootni yookiin isaan keessaa namni tokkoo Abukaattoodhaan yookiin bakka bu’aadhaan akka falman hayyamamuu hin qabu. Haala addaatiin dandeetti dhabuu walfuutoota fi rakkoo humna olii irraan kan ka’e yoo ta’e qofa hayyamamuu qaba.  

Dhaddachi falmiin hiikkaan gaa’ilaa itti gaggeeffamu

Dhaddachi falmiin hiikkaan gaa’ilaa itti gaggeeffamu namoota hayyamameefin alatti cufaa ta’uu qaba.

Ajaja Yeroo: ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII

Yeroo iyyannoon yookiin gaaffiin hiikkaa gaa’ilaa mana murtiif dhiyaatutti:

  • Battalumattii dantaa fi faayidaa olaanaa Ijoollee tilmaama keessa galchuun akkaataa bulmaataa fi jireenya Abbaa warraa fi Haadha warraa, Iddoo fi akkaataa jireenya Ijoollee fi akkaataa bulchiinsa qabeenya isaanii ilaalchisee akkasumas Walfuutoota keessaa namni tokko mana keessaa gadhiisuu qaba taanaan eenyuu irra caala miidhaamu akka danda’u tilmaama keessa galchuun ajaja kennuu qaba.
  • Manni murtiichaa ofumaaf yookiin Ogeessaan, Abbootii amantiin yookiin jaarsoleen walfuutotni yaada hiikkaa gaa’ilaaf qaban akka geeddaraniif qajeelchuun yaalii taasisuu qaba.

Yeroo Waa’ee Gaa’ilaa Irradeddeebi’anii Yaaduu kennamu:

  1. Manni murtii bu’uura seera maatiittin yeroo gahaa kennuu qaba.
  2. Gorsi barbaachisaan mana murtiin fi /yookiin/ ogeessaan akka kennamuuf taasifamu qaba.
  3. Yeroo kenname keessatti walfuutootni maal irra akka gahan haalli itti hordofamu jiraachu qaba. Yeroo kenname kana keessatti manni murtii ajaja biroo waa’ee qoodinsa qabeenyaas ta’e guddisa Daa’immanii ilaalchisee akka qulqulla’uuf kennuu hin qabu.

Gorsa Walfuutootaf Kennamu:

  • Gorsi Abbaa Seeraan, Ogeessan, Jaarsolee fi Abbootii amantaan abbaa warraaf haadha warraaf kennamu dhimmoota dhiibbaa hiikkaan gaa’ilaa jireenya dhuunfaa fi  maatii isaani irratti qabu, jireenya hawaasummaa walfuutoota irratti qabu fi xiin-sammuu isaani fi Ijoollee irratti qabu kan of keessatti hammate ta’uu qaba.

Waa’ee Araaraa:

  • Iyyannoo hiikkaa gaa’ilaa garee tokkoon, yookiin lamaan isaanitiin dhiyaatu irratti hundaa’uun manni murtii jaarsolee araaraan walfuutootni akka araaraman yaalii guddaa taasisuu qaba.  
  • Jaarsoleen Araaraa namoota sadii hanga shanii ta’anu tarreeffamaan walfuutootni akka dhiyeessaniif manni murtii yeroo gahaa kennuun filachisuu qaba.
  • Jaarsoleen Araaraa ulaagaa; Hawaasa keessatti namoota nama araarsuun beekamoo ta’ani fi Namoota maatii isaani sirnaan bulchuun fakkeenyummaa gaarii qaban irratti hundaa’uun ta’a.
  • Manni murtii jaarsoleen araaraa erga filatamaani booda yoo danda’ame jaarsolee araara hunda isaani yookiin immoo walitti qabaaf barreessaa keessaa nama tokkoo beellamaan akka dhiyaatan taasisuun adeemsa araarri itti gaggeeffamuu qabu, kaayyoon guddaa jaarsolee araara walfuutoota araarsu akka ta’ee fi haala gabaasni itti dhiyaatu irratti qajeelfama kennuu qaba.
  • Hojiin jaarsolee araaraa inni guddaan walfuutootni yaada isaani hiikkaaf qaban jijjiirachuun araaramanii akka waliin jiraatan taasisudha.
  • Hojii kana yeroo raawwatanitti walitti qabaan jaarsolee yookiin Barreessaan adeemsa araarri irra jiru yeroo yeroon akkasumas xumura irratti gabaasa bu’aa araara yookiin yaalii isaan taasisan agarsiisu mana murtiif barreeffamaan ni dhiyeessa.

Hiikkaa Gaa’ilaa Murtessuu

  1. Yeroo hiikkaan gaa’ilaa Waliigaltee walfuutootatiin dhiyaatu waliigaltee walhiikuu isaanii manni murticha ilaalun waliigaltichi hamilee hawaasa kan hin falleessine ta’uu isaa yoo amane ni raggaasisa.
  2. Dabalataan bu’aa walhiikichi hordofsiisurratti Abbaan warraa fi Haati warraa waliigalan nageenya fi dantaa Ijoollee isaani kan eegsiise fi faayidaa garee lachuu kan eegsise ta’uu isaa yoo mirkana’e qofa kan raggaasifamu ta’a.
  3. waliigalteen kuniis haala guddina Ijoollee isaani, eenyu biratti akka guddatan, hanga qallaba gareen tokko kaffaluu yookiin kennuu qabuu, haala fi yeroo walfuutota keessaa gareen ijoolleen isa bira hin jiraane ijoollee isaa itti ilaalu danda’uu fi kkf kan hamate ta’uu qaba. waliigalteen bu’uura kanaan hin dhiyaanne manni murtiicha hin raggaasisu.
  4. Yeroo gaaffiin hiikkaa gaa’ilaa walfuutota keessaa nama tokkoon yookiin lamaan isaanitiin dhiyaatu fi Yaalii araaraa taasifameen walfuutootni yoo araaramu baatani fi Yeroo deddeebisaani yaadu kennamee keessatti walfuutootni yaada isaani hiikaaf qaban kan hin jijjiirane yoo ta’e manni murtiicha bu’uura Seeraa Maatiitin gaa’ila isaani diiguun bu’aa diiggaan gaa’ilaa qabeenya fi guddisa daa’immanii irratti hordofasiisu yeroo seeraan ka’ame keessatti murtii kennuu qaba.

Bu’aa Hiikkaan Gaa’ilaa Guddisa Daa’immanii irratti qabu murtessuu

  1. Manni murtii Bu’aa hiikkaa gaa’ilaa guddisa daa’immanii irratti hordofsisuu walfuutotni waliigalteen akka xumurachuu danda’aniif carraa kennuufi qaba. kun yoo milka’uu baate bu’uura seeraatiin haala dantaa fi faayidaa Ijoollee giddugaleessaa godhateen.
  2. Ijoolleen eenyu wajjiin akka jiraachu qaban, waa’ee barumsaa fi eegumsa fayyaa isaanii,waa’ee qallaba yookiin nyaata isaanii, haala warra isaanii waliin walgaafachuu dandeessisu waliin murtessuu qaba.
  3. Daa’imman umuriin isaani waggaa shanii (5) gadi ta’an haala addaatiin wanti haadha isaanii waliin jiraachu dhorku yoo jiraate malee akka haadha isaanii waliin jiraatan ta’uu qaba.
  4. Manni murtii haala guddisa Daa’immanii murteessuuf ragaa barbaachisaa ta’e qaama rogummaa qabu irraa gaafachuu ni danda’a. haala kanaan faayidaa fi dantaa daa’immanii adda baasuuf wanti rakkisu yoo jiraate xiinxalli barbaachisaa ta’e hojjataa hawaasummaatiin akka gaggeeffamuu taasisuu qaba.

Gahee Hojjataa Hawaasummaa;

  • Hojjatan hawaasaa xiinxala Guddisa daa’imaa waliin walqabatee yeroo gaggeessu kaayyoon isaa Faayidaa daa’immanii isa olaanaa eegsisuuf ta’uu qaba.

sababa diiggaa gaa’ilaa fi haala sammuu ijollee

  1. Hojjataan hawaasaa dhimma daa’immanii diiggaa gaa’ilaa keessaatti qorataa jiru sababa diiggaa gaa’ilaatin kan ka’e maatiini fi Ijoolleen dhiphuu guddaa keessa galuu waan danda’aniif of eeggannoon qorachuu qaba.
  2. Dabalataan daa’imman akka hin dhiphannee fi hin jeeqamneef hubachiisuu qaba.

Hojjataan hawaasaa sakatta’iinsa yookiin xiinxala Daa’imti eenyu biratti guddachuu qabdi jedhu gaggeessuuf:

  1. Ragaa dhuunfaa daa’imaa fi maatiii ykn guddistootaa, Naamusa, dandeettii fi cimina xiinsammuu tokko tokkoo maatii ykn guddistootaa.
  2. Haala jireenya daa’imti yeroo sana irra jiru, Maatiin/Guddistootni yeroo sanatti dandeettii, fedhii fi kunuunsa daa’ima guddisuuf qaban.
  3. Maatiin ykn guddistootni daa’ima sana deeggaruu fi kunuunsuuf yeroo waliin turanitti fi erga wal hiikanii jiru wal cinaa madaluun.
  4. Yaadaa fi ilaalcha daa’imti kan dura turee fi ammaa jiru haala jireenyaa ilaachisee qabdu.
  5. Hariiroo daa’imti maatii/guddistoota waliin qabdu.
  6. Haala barnoota daa’imaa mana barumsatti hariiroo hiriyootaa fi hawaasa mana barnoota waliin qabudu akkasumas hirmannaa barnoota irratti qabdu.
  7. Hariiroo daa’imti naannoo jireenyaatti daa’ima biraa waliin qabdu fi hawaasaa nannoo waliin qabdu, Guddina Xiinsammuu fi fedhii guddinaa.
  8. Filannoo fi fedhii, Karooraa fi fedhii maatiin/guddistootni nageenya fi faayidaa ol’aanaa eeganii Daa’ima guddisuuf qaban.
  9. Fedhii fi mirga maatiin daa’imti biratti hin guddannee daa’ima isaa argee ilaaluu fi deeggaruuf qaban fi Karoora gara fuulduraatti gaa’ila biraa hundeessuuf qaban fi kkf.

guddina daa’ima yaada

  1. Hojjataan hawaasaa dhimma iddoo guddina daa’ima yaada murteef gargaaru argachuuf ragaa; Mana Barnootaa /barsiisaa, barataa dhiyoo daa’ima sanaa, bulchitoota barnootaa/, olla Naannoo mana jireenya maatii fi firoota daa’imaa irraa, Mana yaalaa, Waajjiraa poolisii fi naannoo biraa daa’ima sana waliin walitti dhufeenya qaban irraa ni funaana.
  2. Hojjataan hawaasaaYaada ogummaadhaan ragaa xiinxale argatee fi waan hubaterraa kan maddeDhimmoota daa’immaan waliin wal qabatan, Dhimmoota maatii daa’imaa waliin walqabatan, Haalota maatii lamaan giddduu jiruu fi Haalota daa’ima irratti dhiibbaa fidan irratti kan xiyyeeffate gabaasa mana murtiif dhiyeessuu qaba.

Bu’aa Hiikkaan Gaa’ilaa Qabeenya Irratti qabu Murteessuu

  1. Manni murtii gaa’ila erga diigee booda bu’uura seeraatiin daangaa yeroo ka’ame keessatti qabeenyaa fi qabiyyee haala mijaawaa ta’een ogeessaan, Jaarsoleen yookiin ragaa bitaaf mirgaatiin qulqulleessuun murteessuu qaba.
  2. Haalli ijoon qabeenya dhuunfaa walfuutootaa ragaan adda baasuuf itti qabamuu fi dabareen ragaan ittiin dhaga’amu tilmaama seeraa fi yaadarimee ragaa irratti hundaa’uun ta’uu qaba.
  3. Murtii qoodinsa qabeenyaa fi qabiyyee irratti kenname haala salphaa fi raawwiif mijaawaa ta’uun bifa, hangaa fi haala itti qooddiin gaggeeffamu ibsuun kennamuu qaba.  
  4. Manni murtii abbaa warraa fi haadha warraa keessaa gocha tokkoo isaanitiin raawwatamee fi hiikkaadhaaf sababa ta’e isa biraarratti miidhaa hordofsiisee yoo argame manni murtii beenyaa garee miidhameef bu’uura seeraatin murteessuu qaba.

KUTAA SADII. DHIMMOOTA DAA’IMMANII (YAKKAA FI H/HAWAASAA)

Kutaa Xiqqaa Tokko. Qallaba Daa’immanii

Mirgoota Bu’uuraa

  • Daa’imman kamiyyuu mirga warrasaanii yookiin namoota isaan guddisuuf seeraan mirga qaban beekuu fi kunuunsa isaanii argachuu qabu.

Haala Qallabni Daa’immanii Itti Murtaa’u

  1. Qallabni daa’immanii yeroo hanga hiikkaa gaa’ilaatti jiruu fi hanga qabeenyi abbaa warraaf haadhaa warraa qoodamutti ajaja kennamu, qallabni murtaa’ee ture akka fooyya’uu fi gaaffii qallaba Daa’immaan gaa’ilaan alatti dhalatanii fi guddifaman waliin walqabatee dhiyaatu irratti hunda’uun kan murtaa’u ta’a. 
Basiwwan adda addaa haaguguu.
  1. .Qallabni daa’immanii kan murtaa’u baasiiwwaan nyaataa, mana jireenyaa, uffata, yaalumsaa fi barnoota haguuguuf ta’uu qaba.
dantaa fi faayidaa
  1. Qallabni daa’immanii dantaa fi faayidaa olaanaa daa’imaa eegsisuuf gahee guddaa waan qabuuf, haala daa’imichi keessa jiru yookiin fedhii isaa, dandeettii,  haala gareen qallaba kennuu fi daa’ima of biratti guddisaa jiru giddu galeessa taasisuun ta’uu qaba.
Fedhii Daaimman

Manni murtii qallaba Daa’immanii yeroo murtessu fedhii daa’imaa adda baasuuf, dandeettii nama qallaba kennuu adda baasuuf akkasumas falmiin dhalattummaa yoo kan ka’u ta’es adda baasuuf hojjataa Hawaasummaatiin xiinxalli barbaachisaa akka godhamu taasisuu qaba.

Manuwaaliin hundaa’un murtessuu

Manni murtii qallaba daa’immanii yeroo murtessuu maanuwaalii murteessa qallabaa irratti hunda’uu qaba, akkasumaas yeroo gabaabaa keessatti murteessuu qaba.

Haala Raawwii

Murtii qallaba daa’imaa kennamu irratti ajajni haala raawwii isaa eessatti? yoom? fi eenyutti? akka raawwatamuu qabu haala ibsuu danda’uun kennamu qaba.

Deeggarsa Taasisuu

Daa’imman gaaffii qallabaaf karaa namoota isaan guddisaniin mana murtiitti dhiyaatan deeggarsa garaagaraa barbaachisa. Isaan keessaa inni guddaan Tajaajila abukaattummaa fi gorsa seeraati.

Gosoota Tajaajilaa.

Gosoota tajaajilaa ykn deeggarsaa armaan olitti tarreeffaman kanneen qaamni dhimmi ilaalu dafee akka qaqqabuuf manni murtii qaama dhimmi ilaalu waliin hojjachu ykn ajaja kennuu qaba.

Akkasumas qaamni murtii qallabaa raawwachisuuf ajajamu kamiyyuu faayidaa fi dantaa olaanaa daa’immanii kabajuu fi kabachisuuf jecha yeroo gabaaba keessatti bu’uura murtiitiin raawwachiisuu qaba.

Dhimmoota Addatti Xiyyeeffannoo Barbaadan

Daa’imman qaaman miidhamtoota ta’anii fi guddifaman gaaffii qallabaa yeroo dhiyeessanitti xiyyeeffannoon addaa kennamee ilaalamu qaba.

Kutaa Xiqqaa Lama. Guddifachaa

Guddifachaa

Mirgoota Daa’immanii fi Dirqama Mootummaa Heeraan jiru.

  1. Daa’imman mirga kunuunsaa argachuu qabu. Akkasumas Yeroo waliigalteen guddifachaa mirkanaa’utti yaadaa fi fedhii isaanii bilisaan ibsachuuf mirga qabu.
  2. Mootummaan Daa’imman abbaa yookiin haati yookiin lamaanuu irraa du’aniif eegumsa addaa godhuufi qaba, kunis dhaabbattoota  daa’imman haala guddifachaan Ittiin guddatan mijeessanii fi babal’isan, akkasumas nageenyaa fi barnootasaanii adeemsisan akka hundeeffamaniif hojjachuu qaba.

Guddifachaa Sirna Aadaan fi Waliigalteen Raawwatame Raggaasisuu:

  1. Daa’imman faayidaa fi dantaan isaani akka kabajamuuf sirni guddifachaa akka Aadaati fi waliigalteen raawwatame mana murtiitti dhiyaatee ragga’uu qaba. Manni murtiis yeroo raggaasisu dhimmoota armaan gadii irratti hundaa’uun ta’uu qaba; 
  2. Daa’imni/ti guddifamu/tu yoo yaada isaa/ishee ibsachuu dandessi ta’e ilaalcha fi  yaada qabu/qabdu ibsachuu,
  3. Yaadaa fi ilaalcha bulchaan daa’imaa qabu/qabdu,
  4. Dandeetti guddifataan mucicha ykn mucatti guddisuu fi kunuunsuudhaaf qabu/qabdu/qaban, Haala xiin-sammuu, hamilee fi hawaasummaa isaa/ishee/isaani akkasumas Ijoollee biroo qaba/qabdi/qabu taanaan haala isaan itti guddisaa jiran,
  5. Guddifataan akka ilma/Intala isaatti/Isheetti/isaanitti ilaaluun kan guddisu/tu/san fi gar-malee akka itti hin fayyadamne ta’uu isaa/ishee/isaani.

Daa’immaan Dhaabbattoota  Keessatti argaman.

  1. Dhimmoonni qabxii 36 jalatti jiran akkuma jiranitti ta’ee dhaabbattootni Mootummaa yookiin kan dhuunfaa Daa’imman maatii hin qabne, sababa adda addaan gatamanii of biraa qaban waliigaltee guddifachaan nama biroof kennuuf waliigalteen isaanii mana murtiitti kan ragga’u namni guddifatu ragaa qaama aangoo qabu irraa haala dhuunfummaa, hawaasummaa fi dinagdummaa isaa/Ishee/Isaanii yoo dhiyeessan qofa ta’uu qaba.
  2. Dabalataan manni murtii akka barbaachisummaa isaatti ogeessaan xiinxalli akka gaggeeffamu taasisuu danda’a.

Guddifachaa Lammii Biyya Alaaf .

  1. Daa’imni guddifamu haala biyya keessatti itti guddachuu danda’uu kan hin jirre yoo ta’e,
  2. Akka filannoo xumuraatti kan ilaalamu waan ta’eef manni murtii xiyyeeffannoo addaa kennuun ragaa guddifataan dhiyeesse sakatta’uu fi akka barbaachisummaa isaatti qaama aangoo qabuun akka ragaan biraa dhiyaatu taasisuu qaba.

Guddifachaan Ragga’e Haala Ittiin Haqamu

  1. kaayyoon guddifachaa inni guddaan dantaa fi faayidaa olaanaa daa’imman guddifamanii akka eegamuuf hanga ta’ee jirutti dhimmoonni fallaa kanaan gama guddifataatiin yeroo jiraatanitti qaamni na ilaallata jedhu mana murtiitti iyyannoo guddifachaan mana murtiitiin ragga’e akka haqamu kan dhiyeessu:
  2. Guddifataan mucaa guddisuuf fudhate/tte/dhatan akka ilma isaatti/isheetti/isaanitti guddisuurra akka gabrummaatti yookiin Haala gabrummaan walfakkaataa ta’een kan guddisaa jiru/tu/ran yoo ta’e,
  3. Gochoota Naamusaan alaa fi yakka ta’an irratti bobba’ee/tee akka isa/ishee/isaan fayyadu yoo taasise/te/san,
  4. Manni murtii dhimma kana ragaa rogummaa qabuun qulqulleessuun murtii kan kennu yoo ta’u xiinxalli barbaachisaan ogeessaan akka dhiyaatu taasisuu danda’a.

Gahee Hojjataa Hawaasummaa

Ogeessi hawaasummaas ajaja mana murtiin kenname irratti hundaa’uun xiinxala yeroo gaggeessuu dhimmoota armaan gadii haala giddu galeessa godhateen ta’uu qaba.

  1. Seenaa fi ragaa dhuunfaa Daa’ima guddifamuu/tuu,
  2. Haala jireenya maatii/Guddisaa Daa’imaa fi sababa isaan guddisuu hin dandeenyeef,
  3. Haala jireenyaa fi diinagdee nama guddifatuu/ttuu/tani,
  4. Haala xiinsammuu, haamilee, hawaasummaa, amalaa fi fudhatamummaa hawaasa keessatti namni guddifatu/ttu/tan qaban irratti giddugaleessa haala godhateen ta’uu qaba.

Xiyyeeffaannoo

Daa’imman haadhaaf abbaa hin qabne fi dhaabbattoota adda addaa keessa jiraatan, miidhaa qaama qaban, lamiilee biyya alaatiif guddifachaan kennaman dhimmi isaanii haala addaan xiyyeeffannoon kennamee ilaalamuu qaba. 

Kutaa Xiqqaa Sadii. Daa’imman Miidhamtoota Gocha Yakkaa Fi Ragaa

Mirgoota Heeraa

  1. Daa’immanmiidhamtoota gocha yakkaa fi ragaa ta’an mirgoota namoomaa heeraan beekamtii argatan guutummaatti kan kabajamuuf ta’a.
  2. Addumatti immoo mirgi isaan yaada isaanii bilisaan ibsachuu, gocha yakkaa isaan irratti raawwatame ilaalchisee komii, eeruu ykn iyyannoo dhiyeeffachuu fi jecha ragummaa isaanii kennuuf qaban ni kabajamaaf. Qaamni dhimmi ilaaluu fi ogeessonni hunduu kanaaf tumsa barbaachisaa fi yeroo isaa eeggate taasisuu qabu.

Qabiinsa

  1. Haalli addaa yoo jiraate malee, qabiinsi daa’imman miidhamtoota gochaa yakkaa fi ragaa ta’anii mana murtiitti ykn dhaddachatti dhiyaatan ogeessota dhimma kana irratti leenjii fudhataniin ta’uu qaba.
  2. Daa’imman miidhamtoota gocha yakkaa ykn/fi ragaa ta’an gara-laafinaa fi kabajaan ilaalamuu fi keessummeeffamuu qabu.
  3.  Daa’imman dubartoota miidhamtoota gocha yakkaa fi ragaa ta’an addatti qabiinsa kabajaa fi gara-laafinaa barbaachisa. Yeroo akkasii kanas tajaajilli kennamu koornayaa giddu galeessa kan godhate yoo ta’e ni filatama.
  4. Daa’imman miidhamtoota gocha yakkaa fi ragaa ta’anii mana murtiitti dhiyaatan ogeessonni dhimmicha ilaalan kamiyyuu daa’ima sana irraa odeeffannoo barbaadan akka argachuu danda’anitti maloota, tooftaa fi karaalee daa’imni sun bilisa ta’ee/taatee yaada isaa/ishee ibsachuu danda’utti/dandeessutti itti dhiyaachuu ykn gaafachuu qaba/qabdi. Kunis dhaddacha cufaatti kan ilaalamuu fi dhimmichi dhaddachaa alatti kan raawwatamu yoo ta’e bakka, yeroo fi haala daa’ima sanaaf mijatutti ta’uu qaba.
  5. Daa’imman miidhamtoota gocha yakkaa ykn/fi ragaa ta’anii mana murtiitti dhiyaatan afaan beekaniin ykn isaanii galuun tajaajila argachuu qabu. Afaan Oromoo kan hin beekne ykn hin dandeenye ta’e tajaajilli turjumaanaa kennamuufii qaba.
  6. Ogeessonni qaama dhimmi ilaalu waliin atoomuun hatattamaan daa’imman gocha yakkaan miidhamanii dhufan ykn/fi ragaa ta’aniif kallattii danda’ame hundumaan kunuunsa, eegumsaa fi deeggarsaa taasisuu qabu.
  7. Gaaffii ogeessonni daa’ima miidhamtoota gocha yakkaa ykn/fi ragaaf dhiyeessan, qorannoo gaggeessan, falmii gaggeessan, kkf bakka shakkamaan/himatamaan hin jirretti ta’uu qaba. Daa’imni haala kanaan jecha isaanii kennanis sodaa, doorsisa, ifannaa ykn mallattoo dhaadannoo haaloo bahuu shakkamaa/himatamaa kamiyyuu irraa bilisa ta’ee yaada isaa/ishee kennuu qaba/qabdi.

Beenyaa

  1. Daa’imman gocha yakkaan miidhaman, miidhaa sababa kanaan isaan irratti raawwatameef bu’uura seerota rogummaa qabaniin beenyaa argachuuf mirga ni qabaatu.
  2. Falmiin gama kanaan gaggeeffamus xiyyeeffannoodhaan ilaalamee yeroo gabaabaa fi baasii xiqqaan kan raawwatamu ta’a.
  3. Daa’imni miidhaan akkasii irratti raawwatame ykn maatiin isaa hiyyeessa yoo ta’an ykn sababa kamiiniyyuu falmachuu kan hin dandeenye yoo ta’e bu’uura seera rogummaa qabuun qaamni dhimmi ilaalu deeggarsa taasisuu qaba. Kanas ogeessonni hatattamaan adda baasanii mana murtiif yaada erga dhiyeessanii booda, manni murtiis qaama dhimmi ilaalutti ni qajeelcha/ni ajaja.

Deeggarsa Taasisuu

  1. Daa’imman miidhamtoota gochaa yakkaa fi ragaa ta’anii ogeessota fuuludratti ykn mana murtiitti dhiyaatan kamiyyuu deeggarsa garaagaraa isaan barbaachisa.
  2. Addumatti immoo tajaajila abukaatummaa, eegumsaa ykn kunuunsaa, dinagdee, gorsaa, hawaasummaa, fayyummaa, xiinsammuu fi qaamaa isaan barbaachisa.
  3. Gosoota tajaajilaa ykn deeggarsaa armaan olitti tarreeffaman kanneen qaamni dhimmi ilaalu dafee akka qaqqabuuf ogeessi yaada dhiyeessuu qaba. Kanas kaka’umsa mataa isaatiin ykn mana murtii/dhaddacha maatii fi daa’immanii waliin atoomuun qaamni dhimmi ilaalu dafee deeggarsa akka taasisuuf ajajuu/gaafachuu qaba. 

Gochoota Dhorkaman

  1. Daa’imman miidhamtoota yakkaa ykn/fi ragaa fi shakkamaan/himatamaan wal arguun ykn wal quunnamuun dhorkaa dha.
  2.  Qorannoo, falmii ykn adeemsa kamiyyuu mirga dhuunfaa daa’imman miidhamtoota yakkaa miidhuu danda’u miidiyaatti baasuun dhorkaa dha. 
  3. Daa’imman sababa miidhaa yakkaa isaan irra gahe ibsatanii fi ragaa ta’aniif gocha doorsisuu, sodaachisuu fi haaloo bahuu isaan irratti raawwachuun ykn raawwachuuf yaaluun dhorkaa dha. Bakka yaalamee ykn raawwatamee argametti immoo seerota rogummaa qabaniin kan adabsiisu ta’a.

Dhimmoota Addatti Xiyyeeffannoo Barbaadan

  1. Daa’imman miidhamtoota yakkaa fi ragaa ta’an kan qaamaan miidhamtoota ta’an, abbaa fi haadha hin qabne, buqqaatota ykn baqattoota, kkf xiyyeeffannoon addaa gama ogeessotaan kennamuu qaba.
  2. Daa’imman dubartoota miidhamtoota yakkaa fi/ragaa ta’an sadarkaa adeemsa haqaa kamittiyyuu xiyyeeffannoo fi of eeggannoon tajaajiluu barbaachisa.

Kutaa Xiqqaa Afur. Daa’imman Seeratti Bu’an

Daa’imman Seeratti Bu’an

Yaadota bu’uuraa

  1. Mirgoonni heeraan beekamtii argatan daa’imman seeratti bu’aniif haal duree tokko malee ni kabajamu. Addumatti immoo mirga tajaajila abukaatummaa fi turjumaanaa argachuu.
  2. Daa’imman seeratti bu’an bu’uura seerota rogumma qabaniin adeemsa addaatiin kan ilaalamu ta’a.
  3.  Ogeessonni dhimmi ilaalus adeemsa kana sirriitti eeguun dirqama ta’a.

  Sirna deemsaa

  1. Dhimmi daa’imman seeratti bu’anii bu’uura SDFS kwt.171-180 (boqonnaa 3ffaa) kan ilaalamu ta’a.
  2.  Ogeessonnis, addumatti immoo manni murtii ykn abbootiin seeraa sirna deemsaa kana sirriitti kabajuu, kabachiisuu fi ittiinis hojjechuu qabu.
  3. Daa’imni seeratti bu’e jalqaba mana murtii aanaa dhiyoo jiruutti yoo dhiyaatu manni murtichaa galmee saaqee adeemsa jiru itti fufuu qaba.
  4. Yakki daa’imni sun raawwate aangoo mana murtichaa yoo ta’e falmiin itti aanu bu’uura seerichaatiin manuma murtichatti itti fufee gaggeeffama.
  5. Eeruun, iyyannoon ykn chaarjiin abbaan alangaa dhiyeessu ka’umsa falmii dhimma yakkaa daa’imman seeratti bu’anii ta’a.
  6. Dhimmi daa’ima seeratti bu’ee hundumtuu dhaddacha cufaa fi karaa al-idileedhaan hojjetama.
  7. Eeruun, iyyannoon ykn himanni Abba Alangaa Daa’immani irratti dhiyaate haala addaattiin dantaa fi faayidaa Daa’immaniif jecha yoo ta’e malee bakka maatiin ykn Guddisaa/tuun Daa’imaa hin jirrettii hin dhaga’amu. 

Gahee fi Dirqama Qaamolee Adda Addaa

  1. Qaamoleen ykn ogeessonni biroo daa’imman seeratti bu’anii argaman gara mana murtiitti fiduuf dirqama qabu.
  2. Manni murtii otoo hin ajajiin/qajeelchiin abbaan alangaa daa’ima seeratti bu’e irratti himata dhiyeessuu hin qabu.
  3. Maatiin, guddiftuun ykn akka warraatti daa’ima kan tajaajilan hatattamaaan akka dhiyaataniif manni murtii ajajuu qaba.
  4. Namni kamiyyuu seeraan aangoon kennameef daa’ima seeratti bu’e qabee mana murtiitti yommuu dhiyeessu nageenya daa’ima sanaaf eeggannoo ol’aanaa gochuutu irra jira. Daa’imichas sirriitti kunuunsuu qaba.
  5. Beekamtii mana murtii malee poolisiin dhimma/yakka daa’imman seeratti bu’anii qorachuu hin qabu.
  6. Daa’imni seeratti bu’e sababa adda addaaf hamma murtiin kennamutti kan turu yoo ta’e, manni murtii bu’uura seerichaan maatii, guddiftuu, ykn nama/qaama nageenya daa’imichaa eeguu fi kunuunsee tursuu danda’utti kennuu qaba. Warra tarreeffaman kanneen keessaa yommuu filatu manni murtii nageenyi daa’ima sanaa bakka kam yoo ture sirriitti eegamuu akka danda’u yaada keessa galchuu qaba.
  7. Haalli addaa isa dirqisiisu yoo jiraate malee daa’ima seeratti bu’e buufata poolisii ykn bakka daa’imman tarkaanfiin irratti fudhatamee/”adabamanii” tursuu hin qabu.

Tarkaanfilee Fudhataman

  1. Daa’imman seeratti bu’an yakkicha raawwachuun isaanii erga mirkanaa’ee badiin isaanii labsamee booda manni murtii tarkaanfii Seera Yakkaa (kwt.157-165) keessatti tarreeffaman keessaa isa barsiisuu ykn deebisuu danda’u ni murteessa.
  2. Tarkaanfiin haala kanaan fudhatamu akka adabbiitti hin lakkaa’amu.
  3. Manni murtii tarkaanfii akkasii yommuu fudhatu deeggarsa ogeessotaan daa’ima sanaaf tarkaanfii kamtu barsiisaa akka ta’e dursee qulqulleessuu qaba.
  4. Manni murtii tarkaanfiiwwan kanneen keessaa daa’ima sana fooyyessuu, jijjiiruu ykn deebisuu kan danda’u wal jala jijjiiree murteessuu ni danda’a.
  5. Tarkaanfiiwwan haala kanaan fudhataman/murtaa’an yeroo turmaataa qabaachuu qabu.
  6. Tarkaanfiwwan kunneen jijjiiramuu ni danda’u. Kunis haala dantaa daa’ima sanaa giddu galeessa godhateen ta’uu qaba.

Xiinxala Hojjetan Hawaasan Gaaggeeffamu.

Hojjetaan hawaasaa yeroo duubee daa’imman seeran walitti bu’ee qoratu qabxiiwwan armaan gadii irratti xiyyeffatee qorachu qaba/di:

  1. Daa’imti yeroo yakkicha raawwate  haala jireenyaa maatii fi jireenya daa’imaa,
  2. Hubannoo guddina xiinsammu, qaamaa fi hawasummaa daa’imaa,
  3. Oolmaa fi hiriyyaa daa’miti sun waliin dabarsu,
  4. Haaalota daa’imti sun araadaa adda addaaf saaxilamummaasa,
  5. Hordoffii maatii/guddistoota irraa daa’imaf taassifamu,
  6. Gosa yakkaa raawwatee fi deddeebi’ee raawwachuusaa,
  7. Dandeetti hubannoo dhimma yakkaa sanaa,
  8. Yakka sana raawwachuuf maaltu akka kakaase,
  9. Akkaataa ykn haala guddisa daa’imaa maatii,
  10. Daa’mti erga yakka raawwate ilaalcha inni yakka sanaaf qabu,
  11. Naannoo jireenya daa’imaatti dhiibahumma qabiinsa irratti jiruu fi naannoo sana saaxilamummaa yakkaa jiru,
  12. Hariiroo daa’imti maatii waliin qabu,
  13. Karoora daa’imaa gara fuulduraa qabu/du.

Adabbii

  1. Adabbiin daa’imman seeratti bu’an irratti kan kennamu/murtaa’u tarkaanfiiwwan seera yakkaa keessatti tarreeffaman bu’a qabeessa yoo ta’uu dhaban qofa .
  2. Tarkaanfiiwwan fudhataman bu’a qabeessa ta’uu dhabuu isaani manni murtii gabaasa akka dhiyaatuf taasisuun dabalataan ogeessaan yaanni murtii akka dhiyaatu taasisuu qaba.

Falmii Umurii Wajjin Wal Qabatu

  1. Daa’imman seeratti bu’an yakkaan yommuu shakkaman umrii isaanii adda baasuun akka qaama qorannoo yakkaatti ilaalamuu qaba.
  2. Kanaafis umurii daa’imichaa adda baasuuf ragaalee garaagaraa walitti qabuu fi olkaa’uun barbaachisaa dha.
  3. Qorannoo fi sassaabbiin ragaa dhimma umurii daa’ima seeratti bu’ee akkaatuma idileen ykn baratameen kan raawwatamu/gaggeeffamu ta’a.
  4. Haala addaan yaada ogeessaa kan barbaadu yoo ta’e garuu gara mana yaalaatti ykn hospitaalaatti erguun barbaachisaa dha.
  5. Qajeeltoowwanii fi yaadrimeen seera ragaa dhimma umurii daa’imaa adda baasuu irrattis akka barbaachisummaa isaatti raawwatiinsa ni qabaata.

Dokumati isaa pdfn download godhaa

Labsilee Hundumaa argachuff Waagj online library daawwadhaa

waagj laws library

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top